Oromo

Hayyama Maatiifi Wallaansaa Kanfaltii waliinii WA’f iyyachuu

Tajaajiloota gargaarsa afaanii bilisaa argachuuf, 833-717-2273 irratti bilbilaatii filannoo 7 filadhaa, sana booda filannoo 2. Ogeessi-addaa kunuunsa maamilaa Ingiliffaan isiniif deebisu. Afaan isin dubbattan itti himaati isaan haga turjumaana isiniif arganitti sarara irra turaa.

Hojjattoota Waashingitan keessaa harka caalaniif hayyama kanfaltii waliinii gosa lamatu jira:

Hayyama Wallaansaa: Wayita haalli dhukkubbii fayyaa cimaan hojiirraa isin ittisu. (Baqaqsanii wallaanuu, tibba ulfaatti boqonnaa siree, dahumsarraa bayyanachuu ykn haala fayyaa yeroo dheeraa tureef yaalamuu.)

Hayyama Maatii  (Hayyama Wal baruufi Hayyama Maatii Humna Raayyaa dabalata)

  • Miseensa maatii dhibee cimaa kunuunsuuf hayyamaa boqonnaa fudhachuuf,
  • Daa’ima haaraa maatii keessaa waliin wal baruuf, YKN:
  • Hayyamni maatii raayyaa ittisaa  miseensa maatii gara biyya biraattii imaluu ykn kan imalarraa deebii’ee waliin yeroo dabarsitan isin dandeessisa.

Kana argachuuf, bara darbe keessaa sa’aatiiwwan 820’f hojjachuu qabdu.

Sa’aatiiwwan Waashingitan keessatti hojjataman hundi ni lakkaa’amu, bakkeewwan garaa garaatti hojjattan ykn mindeessaa geeddaratan illee.

Adeemsa Iyyachuu

1. Mindeessaa keessan beeksiisaa

2. Ragaalee walitti qabadhaa

  • Mirkanneessa Waraqaa Eenyummaa Ragaalee fudhataman hunda paidleave.wa.gov/get-ready-to-apply irra ilaalaa. Iyyachuuf lakkoofsi nageenya hawaasummaa isin hinbarbaachisu.
  • Hayyama wallaansaatiif, ykn miseensa maatii dhukkubsateef kunuunsa taasisuuf hayyama argachuuf, kanneen keessaa TOKKO dhiyeessaa:
    • Guca Waraqaa Ragaa Haala Fayyaa Cimaa, isiniifi dhiyyeessaa kunuunsa fayyaa keessatiin guutame.
      YKN:
    • Guca Seera Hayyama Wallaansa Maatii
      YKN:
    • Yaadannoo hakiimaa odeeffannoo guca Waragaa Ragaa Haala Fayyaa Cimaa sanaan walfakkaatu qabate.

• Hayyama maatii humna raayyaatiif, barbaadamuu atattamaa humna raayyaatiif sababiiwwan ulaagaa guuchisan hedduutu jiru, kanaaf ragaan gaaffii keessan deeggaru gargar ta’uu danda’a. Humna raayyaa irraa ykn madda biraa irraa sababii atattamaa humna raayyaa FMLA jalaatiif hayyama fudhachuu keessan ragaalee agariisan barbaanna.

• Hayyama maatii daa’ima haaraa maatii keessan keessatti dhalateen wal baruuf warra lamaanuu guca Waraqaa Ragaa Dahumsaa fayyadamuu ni danda’mu. Gucawwan gadi buufadhu.

• Hayyama maatii daa’ima guddifamtee ykn kan maatii keessan keessatti ramadamteen walbaruuf, ragaawwan mana murtii kunuunsa, guddisa, ykn akka eegdaniif kaa’amuu agarsiisu fayyadamuu dandeessu. Gucawwan gadi buufadhu.

3. Erga taateen hayyama gaafachuuf ulaagaa isin guuchisu, kan akka baqaqsanii wal’aanamuu, daa’ima godhachuu, ykn miseensa maatii haala fayyaa cimaa qabuuf kunuunsa taasisuuf boqonnaa bahuunraawwatamee BOODA iyyadhaa.

Buufadhu

4. Gaaffiilee torbanii irratti odeeffannoo dabalata buufadhu.

Buufadhu

Yeroo hangamiin argadha?

  • Hayyama wallaansaa hanga torban 12 ta’u.
  • Waggaa gaaffii tokko keessatti taateewwan ulaagaa guutan tokkoo ol yoo qabaattan, hayyama wallaansaa fi maatii lamaaniifuu hanga torbanoota 16.
  • Yeroo ulfaa’uu keessatti haala wallaansa fayyaa cimaa yoo qabaattan, hayyama wallaansaa fi maatii lamaaniifuu hanga torban 18.

Mindeessaan keessan hojii keessan isin kaa’ee turuuf hin gaafatamu yoo:

  • Hojjattoonni kaambaanichaa namoota 50 gadi yoo ta’an
  • Kaampaanichaaf waggaa tokkoo gadi kan hojjattan yoo ta’e
  • Waggaa darbe keessaa kaampaanichaaf sa’aatiiwwan 1,250 gadi kan hojjattan yoo ta’e